Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel
Gabri’eel jechuun, “ILma Waaqayyoo kan fakkaatu Gooftaafi tajaajilaa” jechuudha; Iccitii waloomaa “Waaqni nama taa’e; namnis Waaqa ta’e” jedhus qaba. Ergamaa Gabri’eeliin inni Raamaaa, dur yemmuu qorumsa Saaxinaa’eeliin ergamoonni raasaman, kan tasgabbeesse “Waaqa nu uume hanga argannutti tokkoon tokkoon keenya cimnee haa dhaabannu” jedhee, samii ergamootaa irratti Seexanaaf akka hin saganne kan tasgabbeesseedha.
Ergamaan kuni,
• Ijoollee sadan labooba ibiddaatti darbaman kan baase dha (Dan. 3: l).
• “Nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya dubroo Maariyaamitti kan himee dha (Luq 1 :28).
• Lubni Zakkaariyaas dubbii isaa amanuu didnaan, kan afaan lubichaa duuchuun/cufuun adabeedha (Luq 1:20).
• Fuula Waaqayyoo dura kan dhaabbatuudha (Luq 1:19).
Dhaabachuu jechuun, ergamuuf, nuuf kadhachuuf, ija Waaqayyoo keessa kan ilaaluudha.
• Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa abidda boba’u keessaa baasee, kan bishaan qabbanaa’aa akka daakan taasiseedha (Dirsaana Gabri’eelii).
Ayyaanota gurguddoo qulqulluu Gabri’eel keessaa kan Muddee 19 fi Adoolessa 19 haala adda ta’een kabajamu.
Muddee 19 kan yaadatamu seenaa Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eliin kan walqabatudha. Nabukadanatsoor abbaa isaanii Iyyaaqeem waliin booji’ee, masara isaa keessatti guddisee isaan barsiise. Isaan namoota masara keessatti coomaafi daadhii isaaniif fidaniin “midhaan dheedhiifi bishaan qofa nuuf fidi kana hin nyaannu” jedhaniin. Namni isaaniif nyaata fidus, yoo huqqattanii isin arge anaan ammoo naan lola jedheen. Isaan agruu, “guyyaa 10 nuuf kenni” jedhanii guyyaa 10 dheedhiifi bishaan qofa dhuguudhaan, warra cooma yaatan caalaa cululuqaniiru. Baruumsa isaanii erga xumuranii boodas, Nabukadanatsoor isaan ni muude.
Nbukadanatsoor waaq-harkee warqee irraa hojjetame dhaabee, warri bulchiinsa isaa jala jiran hundi akka sagadaniif labsiidhaan ajajeen. Ijoolleen kun garuu, waaq-harkee harka namaatin tolfameef hin sagadnu jedhanii didan. Mootichis, kana yemmuu dhagahu isaan waamee akka waaq-harkee inni dhaabeef sagadan akeekkeachiise, yoo akkas gochuu baatan garuu, kan isaatii isaan baasu akka hin jirre isaanitti ni hime. Isaan garuu, Waaqani nu waaqeeffannu abidda laboobaa kana keessaa nu baasuu danda’a, harka kee irrayis nu baraara, kanaaf, hin sagadnu” jedhaniin. Innis, abidda laboobaa nama sodaachisu keessatti akka darbataman taasise. Qulqulluu Gabari’eel garuu, battala sana bu’ee muka fannootiin abidicha yemmuu tuqu, abidichi ni dhaame, uffata isaanii irrayyuu hin buune. Isaan abidda laboobu keessaa Waaqayyo waan isaan baraareef, sagalee isaanii olkaasanii Waaqayyoon galateeffatu ture. Nabukadanatsooriis yemmuu isaan galateeffatan sagalee isanii dhagahee, daddafee ka’ee “kan abiddatti darbine namoota sadi hin turree? Amma garuu, namootni afur yemmuu abidda keessa dedddeebi’an nan arga; homtuu isaan hin tuqne; inni afraffaan kun ilma Waaqayyoo fakkaata” jedhee, “kootaa bahaa” jedheeniira. Isaanis, fayyuma isaanii ni ba’an. Innis, Waaqayyof ni sagade; Waaqa isaanittis ni amane.
• Maqaan ijoollee kana sadanii inni biraas Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagoo jedhamus (Dan 3:22).
Qulqulluu Gabri’eel, Adoolessa 19 haala addaatin ni yaadatama. Kunis, qulqulluu Gabri’eel Daa’ima kan ta’e Qiirqoosiifi haadha isaa Iyyeluuxaa guyyaa ibidda keessaa baasedha. Qulqulluu Qiirqoos, biyyi isaa Room Angebeenay yoo ta’u, abbaan isaa Qozmoos, haati isaa ammoo, Iyyaluxaa jedhamti. Bara Diyooqilxiyaanoos mootii ta’ee biyya bulchaa turetti, labsii manni kiristaanaa haa cufamu, manni waaq-harkee/Waaq-harkee haa banamu jedhu baase. Kunis, bara 303 yoo ta’u, yereoo kana kiristaanonni hedduun kan ajjeefaman gariin ammoo, kan biyyaa baqataniidha. Iyyaluxaanis, ilma ishee waggaa 3 qabattee, biyya Iqooniyoon jedhamutti baqatte. Kan biyya isheen itti baqatte bulchaa ture ammoo, Illeskindiroos jedhama. Illeskindiroosis, lyyeluuxaadhaan Waaqayyo dhiisiitii xaa’otatti buli jedheen. Isheen garuu. ija osoo qabu kan hin agarre, gurras osoo qabu kan hin dhageenye, atumti harka keetiin kan tolchite, ani waaqolii namni harkaan tolcheef hin sagadu” jetteen.
Yoo waaq-harkeef sagaduu didde ammoo, seyfidhaanin morma kee sirra mura jedheen. Yeroo kana isheenis, mee mucaa daa’ima kana gaafadhu jette deebisteef. Innis, “mucaannana, warqee heddu siifan kennaa xaa’ota kanaaf sagadi!” jedhee Qiirqoosiin gowwoomsuu barbaade. Qulqulluu Qiirqoos garuu, afuurri Waaqayyoo waan irra buleef, “ani kan ofii isaanituu baraaruu hin dandeenye, waaq-harkeef hin sagadu”jedhee diduun, waa’ee amantaa isaa ragaa ba’e yeroo kanas, mootichi dallanee gaanii/manqallii guddaatti bishaan danfisaatii keessati isaan affeelaa jedhee ajaje. Sagaleen danfa bishaanichaas fagootti dhagahama ture. Yeroo kana, lyyaluxaatti sodaan dhagahamnaan, daa’ima kan ta’e Qiirqoos, haadha koo jabaadhu, du’a lammataa hin duunutii, duraan Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’elii kan ibidda keessaa baase, Waaqayyo ergamaa isaa nuuf ergee nuunis nu baraara jedheenii jajjabeessee, gara bishaanicha danfaa jirutti masakaa/qajeelchaa ture. Isheenis, yeroo kana kutattee sodaa ishee hundumaa balleessitee gara kuteenyan wareegamuuf, gara bishaan danfaa jirutti waliin seente.
Yeroo kanas, Waaqayyo ergamaa qulqulluu Gabri’eel ergee Fannoo isaatiin yemmuu bishaanicha tuqu, bishaanichi ni diilallaa’e. Qaama isaanis ta’ee uffata isaanii irra, wanti hamaan tokkoyyuu tasumaa hin geenye. Warri naannoo sana turan kan ajaa’iba ta’e kana daawwatan, Waaqa lyyaluxaafi Qiirqoositti amanuudhaan wareegamanii jiru.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Gabri’eeliis nu waliin haa ta’u. hanga bara baraatti. Ameen!