Galata (Lixoonii) Guyyaa Gaafa Robii

Galata (Lixoonii) Guyyaa Gaafa Robii

Yaa Gooftaa tolummaan kee ariitiidhaan nurraa haa ta’u. Ifni fuula keetiis nurratti haa mul’atu. Diifamnifi tolummaan kee isheen nun fayyisittu haa dhufu, nuuf haa ta’u. Kan nu gammachiisu tolummaan kee haa mul’atu. Yaa Gooftaa hojii badiirraaf dogoggoraa hundaarraa nu tiksi. Deebi’aa isinittan deebi’a jedhii ebbaa keetiin nu simadhu.

Kan badii hojjate qalbii jijjiirannaadhaan gara keetti deebisuun siif danda’ama hoo. Lakkaawamuuf madaalamuu kan hin qabne bakka kee hundaatti ni sagadinna (jilbeenfanna). Dhageessisne iyyine gara keetti yoo kadhannu ati nuu dhageessa’o. Dadhabina qaama keenyaas nuu baatta nuu salphistas. Cubbuu keenyaas nuu obsita ati waaqayyo uumaadhaaf abbaa dhiifamaatihoo. Dhiifama nuu taasisi jedhaatti kadhadha.

Yaa Abbaa Keenya jedhaa kadhadhaa.

Yoomiyyuu yoo ta’ee tolaan akkeenya Ilmi abbaa sidha’o. Addunyaa kana irratti mul’atte lammii kee kan ta’an tajaajiltoota kee beekumsaan, mucummaan akka kaabajjuuf, tajaajilaa kee kanan ta’u ana garbicha keedhaafis waan gaarii naaf laadhu. Duri iyyuu lammii keedhaaf waan gaarii ni keennitaafi’o. Lammii keedhaaf fayyina doonidhaaf fayyina lubbuu ni laattaafi’o.

Fooniin mul’achuu feetee, fooniin mul’atte. Akka kee kabajamaaf adda kan ta’e dhiifamas taasisuudhaan Gooftaan fayyisu eenyuudha? Ammas akka baayyina dhiifama keetiitti dhiifama nuu taasisi. Akka baayina tolummaa keetiitti badii keenya nurraa haqi. Harras yoomis hanga bara baraatti ameen dhugummaan.

afanoromobatch.wordpress.com

Seenaa Gootota Oromoo

Seenaa,Jireenyaa,qabsaa'ota,Oromoo,Goota,QeerroofiQarree

Yoosaad Online Learning Platform

Learn as much as you can and do all you can - Learning as high as the mountains, as wide as the seas - No limits to what one still has to learn - Ars longa, vita brevis!

Oromummaa

Oromo Offical

SAGANTAA BARNOOTA ORTODOOKSII OROMOO

oroorthodox.wordpress.com