Seera Gaa’ela Warra Amantootaaf 1ffaa Qor. 7 – 40

1 Gaaffiin isin anaaf caaftan na ga’eera; waa’ee dhiiraa fi dubartiin walii wajjin jiraachuu garuu, namni dubartii bira dhaquu yoo dhiise gaarii dha. 2 Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu. 3 Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. 4 Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda’u. 5 Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga’uu wal hin didinaa; isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka’e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.


6 Kanas karaa isiniif banuufan jedhe malee, isin abboomuuf miti. 7 Ani illee namoonni hundinuu fuudhuu dhiisanii akka koo akka ta’an nan jaalladhan ture. Haa ta’u iyyuu malee, namni adduma addaan kennaa Waaqayyo isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa akkasii, inni kaanis kennaa akkasii qaba. 8 Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa du’an, akka koo fuudhaa fi heeruma malee yoo hafan isaaniif ba’eessa, nan jedha. 9 Of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya*. 10 Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti; haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba’in! 11 Yoo abbaa manaa isheettii gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti haa araaramtu; abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin!


12 Warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta’in ani nan gorsa; namni amane tokko haadha manaa hin amanin yoo qabaate, isheenis abbaa manaa ishee sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallatte, inni ishee hin baasin! 13 Dubartiin amante tokko abbaa manaa hin amanin yoo qabaatte, innis haadha manaa isaa sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallate, isheen namicha gad hin dhiisin. 14 Abbaan manaa hin amanin karaa haadha manaa isaatii Waaqayyo biratti fudhatamaa dha; haati manaa hin amanin karaa abbaa manaa isheetii Waaqayyo biratti fudhatamtuu dha. Yoo akkas ta’uu dhabaate ijoolleen keessan Waaqayyo biratti fudhatamoo miti, amma garuu fudhatamoo dha. 15 Isin keessaa inni hin amanin hidhata isaattii gargar ba’uu yoo fo’ate garuu, gargar ba’uu in danda’a; Waaqayyo jireenya nagaatiif waan isin waameef, yeroo kanatti inni amane yookiis isheen amante hidhata gaa’elaattii hiikamuu isaanii ti. 16Ati dubartii nana! Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta?

Jireenya Itti Waaqayyo Nama Waametti Jiraachuu

17 Namni adduma addaan akka gooftichi isaaf qoodee kennetti, akka yeroo Waaqayyo isa waamettis itti fufee haa jiraatu; akkuma kanattis waldoota kristiiyaanaa iddoo hundumaa jiran nan seerradha. 18 Namni erga dhagna qabatee waamame, akka waan dhagna hin qabatinii hin ta’in; namni utuu dhagna hin qabatin waamames dhagna qabachuu hin barbaadin! 19 Abboommota Waaqayyoo eeguutu gatii qaba malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu. 20 Namni adduma addaan waamicha Waaqayyo itti isa waame keessatti haa hafu.

21 Waaqayyo yommuu si waame garbummaa jala turtee? Kun si hin dhibin! Birmadummaa argachuu yoo dandeesse immoo, caalaatti itti jabaadhu. 22 Namni garbummaatti utuu jiruu waamicha gooftaa argate, goofticha biratti inni birmaduu dha; akkasumas namni birmadummaatti utuu jiruu waamame, inni Kristosiif garbicha. 23 Waaqayyo gatiidhaan isin bitate, kanaafis garba namootaa hin ta’inaa! 24 Egaa obboloota ko, namni adduma addaan waamicha itti waamame keessatti hafee Waaqayyoo wajjin haa jiraatu.

Warra Hin Fuudhinii Fi Hin Heeruminiif, Warra Abbaan Manaa Irraa Du’eef Yaada Kennuu Isaa

25 Waa’ee warra qeerrummaadhaa fi durbummaatti jiranii gooftaan abboommii hin kennine; ani garuu akka nama araara gooftaa argatee amanamaa ta’etti, waa’ee isaaniitiif yaada koo nan kenna. 26 Rakkina dhufuuf jiru kana keessatti namni utuu hin fuudhin akkasumatti yoo hafe ba’eessa anatti fakkaata. 27 Seera gaa’elaatiin haadha manaa keetti hidhamteettaa? Yoos ittii hiikamuu hin barbaadin! Niitii hin fuunee? Yoos niitii fuudhuu hin barbaadin! 28 Haa ta’u iyyuu malee, yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Warri fuudhanii fi warri heeruman garuu guyyaa guyyaatti jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin oolchuu barbaadee isin gorsuu koo ti.

Obboloota ko, yeroon si’anaa kun dhumuuf jedha jechuu koo ti; si’achi warri haadha manaa qaban akka warra hin qabaatinii haa ta’an. 30 Warri boo’an akka warra hin boo’inii, warri gammadan akka warra hin gammadinii, warri bitan akka warra qabeenya hin godhatinii haa ta’an! 31 Warri biyya lafaatti dhimma ba’an, akka warra itti dhimma hin ba’inii haa ta’an! Biyyi lafaa inni amma mul’atu kun in dhidhima.


32 Waan biyya lafaa kanatti dhimmuu dhiiftanii akka jiraattan nan barbaada. Namni hin fuudhin gooftaa gammachiisuudhaaf hojii gooftaatiif dhimma; 33 Namni fuudhe garuu haadha manaa isaa gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimma. 34 Yaadni isaas iddoo lamatti hiramaa dha; dubartiin deebitee hin heerumin yookiis durbi namummaa ishee fi hafuura ishee jireenya qullaa’aadhaaf kennite, hojii gooftaaf in dhimmiti; isheen heerumte garuu abbaa manaa ishee gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimmiti. 35 Kanas isin gargaaruuf nan dubbadhe malee, funyoo morma keessanitti diruuf miti; isin wanta qajeelaa, wanta dhaabataas hojjechaa, yaadni keessan waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif akka of kennitan nan barbaada.

36 Namni tokko fuudha ga’ee, kaadhima isaa fuudhuu dhiisuun isaa akka waan ishee irratti dabaa hojjetee yoo itti fakkaate garuu, fuudhuun isaas hin oolu erga ta’ee, akkuma dur jaallatetti wal haa fuudhan; akkas gochuu isaatiin cubbuu hin hojjetu. 37 Namni tokko immoo fuudhaaf wanti isa giddisiisu hin jiru yoo ta’e, fedha foon isaatiis mo’achuu yoo danda’e, yaaduma garaa isaatiin in dhaabata; inni kun yaada garaa isaa muree kaadhima isaa durbummaatti yoo dhiise ba’eessa gochuu isaa ti. 38 Egaa namni ishee kaadhimate fuudhu ba’eessa godha; inni ishee kaadhimate fuudhuu dhiisee akkasumatti hafus caalaatti ba’eessa godha.

39 Haati manaa, hamma abbaan manaa ishee jirutti seera gaa’elaatiin isatti hidhamtee jiraatti. Erga abbaan manaa ishee du’ee garuu, abbaa feetetti heerumuu in dandeessi, garuu nama amanetti haa heerumtu. 40 Haa ta’u iyyuu malee, yoo heerumuu dhiifte akka yaada kootti caalaa gammachuu in argatti; anis immoo hafuura Waaqayyoo qaba jedheen yaada.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Jabaan isadha.

Ameen!