Galata (Lixoonii) Guyyaa Gaafa Kamisaa

Galata (Lixoonii) Guyyaa Gaafa Kamisaa

Yaa Gooftaa dhiphina guyyaa badii (rakkina) irraaf, dhiphina guyyaa gaafa deebii Gooftaarraas akka nu fayyistuuf ammeenya namoota badiirraas, gidiraa dhufurraas, addunyaa qabiddee kan jirtu yaa Gooftaa hundummaas kan dandeessu yaa waaqayyo uuma, sa’a sana dhiphina kana hundaarra nu fayyisi. Nu fayyisi jedhaa kadhadha.

Yaa abbaa keenyaa jedhaa kadhadhaa.

Yaa Gooftaa uuma, ebbiif fayyinni dhugumaa sirraa kan argamudha. Gooftummaa kee kan kadhatan hundumtuu ni fayyu. Amanama tajaajilaa kee daawitiin waraana badii irraa kan fayyiste sidha. Daani’eelin afaan leencaarraa, soosinnaas harka sobdootaarraa, Anaaniyaa, Azaariyaa, Misaa’eeliis ibidda baabiloon irraa kan fayyiste sidha. Yaa Gooftaa, nuunis akkasumaa dhaloota badiirraa nu fayyisi. Lubbuu keenyaaf foon keenya tolummaa keetiin eegi. Mana qulqullummaa kees amantaa dhugaadhan, galataaf kadhannaan tiksi.

Yaa Waaqayyo abbaa keenyaa samiirra kan jiraattu dhiifama nuu taasisi, gara qorumsaatti nun galchin, haa irraa nu oolchi, yeroo dadhabuumsaaf nufii malee akka si tajaajilluuf nu gargaari, gargaaraa nuuf ta’i. Ilma kee tokkichaan isaa wajjin afuura qulqulluu wajjinnis kan qabdu, har’as yoomis hanga bara baaatti ameen.

afanoromobatch.wordpress.com

Seenaa Gootota Oromoo

Seenaa,Jireenyaa,qabsaa'ota,Oromoo,Goota,QeerroofiQarree

Yoosaad Online Learning Platform

Learn as much as you can and do all you can - Learning as high as the mountains, as wide as the seas - No limits to what one still has to learn - Ars longa, vita brevis!

Oromummaa

Oromo Offical

SAGANTAA BARNOOTA ORTODOOKSII OROMOO

oroorthodox.wordpress.com