Saaraa

Saaraa jechuun olaantuu jechuu yoo ta’u haadha warraa Abrahaamidha. Dhala dhabdee baay’ee rakkachaa turte booda garuu Waaqayyo kadhannaa ishee dhagahee akka Yisihaaqiin deessu godhe. Dhala kan argattes argattes wagga 90tti. Waaqayyo ammas Abrahaamiin, “Waa’ee haadha manaa kee Sarayiif immoo maqaa ishee Saaraay jettee hin waamiin maqaan ishee si’achi ‘Saaraa’ haa jedhamu. Ani ishee nan eebbisa. Ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna isheenis saba baay’eedhaaf haadha ni taati. Mootonni saba gara garaa ishee irraa ni argamu” jedhe (Uuma. 17:15). Yeroo kana Abrahaam garuu gad gombifame in kolfe. “Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan ni dhalataa? Saaraan ishee waggaa 90 immoo mucaa in deessii?” Jedhe. Waaqayyos,”Maqaa isaa Iyisihaaq jette ni moggaafta anis kakuu koo akka kakuu isa booddedhaan syanii isaaf bara baraaf jiraatutti isa wajin nan jabeessa.” jedheen.
Dabalataanis yemmuu Abrahaam fakkeenya nama Sadiitiin Sillasee keessumeessu tokkoo keessaa, “Saaraan waggaa har’aa ilma ni deessii jedhee yoo dubbatu isheen goda keessaa dhagahaa waan tuneef keessa isheetti ni seeqxee. “Ani dulloome laguun dubartiis narraa cite abbaa warraa koo bira gahuu akkamittan hawwaa” jette. Booda garuu maaf kofalte jennaan sodaattee lakki ani hin kofalle jette (Uum. 18: 1-15)
Waaqayyo akkuma abdachiise ture Saaraa ni yaadate. akkuma dubbatees isheedhaaf ni godhe. Saaraan ulfooftee ilma ni deesseef, Abrahaamis maqaa isaa Yisihaaq jedhee moggaase.
Yisihaaq jechuun ‘ni kolfe’ jechuudha. Dhalatee guyyaa 8 akkuma Waaqayyo isa abboometti Abrahaam Yisihaaqin dhaqnaa qaberraa. Saaraannis sababa ani ittiin kolfu anaaf kenne warri dhagahan hundinuu ana waijin ni kolfu…. itti dabaltees “Saaraanis mucaa hoosisuuf jetti jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaaderraa, Ani garuu bara dulluuma isaattl ilma da’eerraaf’ jette (Uma 21:7. Saaraanis sababa amantiifi ajajamummaa isheetiin galateeffateetti. (Isa. 51:2, Ibr.11:11 1Phex. 3:6)
Isheenis waggaa 127 keeboornitti boqotte. Abrahaamis awwalaa haaraa bitee itti awwaale. Holqa Maafkel jedhamtu kan lafa Heet irraa Abrahaam bitetti awwaalamte.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu; sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!