Yooseef

Yooseef jechuun ‘hu dabalu’ jechuu yoo ta’u ilma Yaa’iqoob isa kudhaa
tokkoffaa; Raaheliif immoo ilma ishee isa jalqabaadha. (Uma. 30:22-24)
Yaa’qoob Yooseefiin ija Raaheliin waan ilaaluuf ijoollee isaan kaan caalchisee jaalata ture. Uffata warqeerraa tolfamees itti uffisaa ture. Kanaanis obbolootni isaa itti hinaafan. Bissii/nadoon obboloota isaa bissii isaaf yoo qoomma’an abjuu isaan argee abbaatti hime. Ammas aduun 11 urjii tokkoof yoo sagadan argee abbaatti abjuu isaa himate. Abbaanis sababa midhaaniitiin akka isaaf bitaman, aduun 11 kunis urjii tokkoof buluun isaanii fakkeenya obboloota isaa 11 akka ta’e hiikeef. Abbaanis,”Obbolootni kee yoo dhagahan walloltu isaanitti hin himiin,” jedheen.
Obbolootni Yooseefis bakka margi jiru loowwan isaanii qabatanii deemanii waan turaniif galaa qopheessee “Dhaqii gaafadhuu koottu,” jedheen. Yemmuu gara isaanitti dhaqus isaan alaalaa isa arganii,”Abbaan abjuu dhufe, erga du’ee booda akka nu bitu agarraa koottaa ni ajjeesna,” jedhanii alaalaa itti mari’atan. Isas wanta inni qabate dhufe irraa fudhatanii Yooseefin garuu dhaanutti ka’an. Roobeel hangaftichi irraa dhorke. Isa boollatti gatanii nyaata inni fide sana nyaachaa turan. Roobeel horii deebisuu deemee yoo deebi’u obbolloonni isaa Yooseefiin qarshii 20tti daldaltootatti gurguranii eeganiin. Roobeel deebi’ee dhufee dhabnaan bo’utti ka’e. Isaanis uffataa isaa hoolaa qalanii dhiiga dibanii abbaatti erganii “mucaa sana nutti ergitee turtee? kunoo akkana ta’ee uffata isaa agarre” jedhanii itti ergan. Abbaan isaa hanga Masrii bu’anitti Yooseefiif bo’aa ture (Uum.37.)
Warri Yooseefin bitatanis gara Misirii fuudhanii dhaqanii loltuu Fara’oon keessaa Phixfaara kan jedhamutti qarshii 30’n gurguran. Phixifaaraanis sababa Yooseefiin soorame. Niitiin isaa garuu waan baay’ee bareeduuf ija irratti gatte. “Waliin ciisnu malee.” jettee isa gaafatte jennaan innis, “Lakki,” jedhee didnaan dirqamaan qabde. “Waaqayyoon fuulduratti cubbuu akkamittan hojjedha,” jedhee utaalee jalaa bahe. Yeroo kana sobdee uffata of irratti tarsaastee kunoo. “Garbichi kun humnaan na gudeeduuf ture,” jettee isa hiisifte. Yooseef mana hidhaattis yemmuu darbatamu achi keesssatti nama abjuu namaa hiiku ta’e. Warra masaraa Fara’oon keessaa hidhaman tokkoof abjuu hiike. Abjuu isaanii erga dhagahee booda isa tokkoon ni duuta. Isa tokkoon ni baata jedheen sanaan yoo baatutti ana yaadadhu kunoo sobaan hidhameera jedheen. Waaqayyoos abdii isaa namaa irraatti waan gateef mana hidhaa isaa waggaa lamaan akka dheeratu taasise.
Hanga waggaa lamaa namni mana hidhaatii bahe sun isa hin yaadanne ture. Wagga lama booda Fara’oon abjuu abjoote. Saawwan furdatan 7 lagaa bahanii osoo jiran saawwan torba fufurdaa booda immoo saawwan torba kan dadhaban dhufanii yoo warra fufurdaa sana liqimsan arge. Fara’onis abjuu kana hiikuf barbaade. Yeroo kana namni kana dura Yooseef waliin hidhamee ture Yooseefiin yaadate. Yoon mana hidhaa turetti namni abjuu naaf hiike jira akkuma inni hiikee sana immoo ni raawwate jedheen. Kanan Fara’oon mana hidhaatii Yooseefin waamsise. Yooseefis Fara’oonitti abjuu isaa itti hime. Saawwan torban furdatan bara quufaa 7 akka ta’e sana booda immoo barri beela 7 akka dhufu, kanaaf bara quufaa kana midhaan gahaa waggaa torban itti aanuf illee gahu akka walitti qabatan taasise. Kanaanis Fara’oon isaa gaditti bulchaa biyya Misirii taasisee isa muude. (Uma. Boqonnaa 42 hangaa 45)
Akkuma Yooseef abjuudhaan hiike waggaa torba booda beelli hamaantureef obbolootni isa gurguranii turan sun biyya Misirii midhaan akka jiruu dhaga’anni bittachuu dhufan. Yooseef akkuma argeen isin basaastota ta’uu hin ooltan.” Jedhen. Isaanis “lakkii ilmaan nama tokkooti tokko manatti hafe tokko bineensatu nyaate nutti waliitti 12” jedhaniin. Innis “isa manatti hafe fidhaa yoo sana midhaan bitattu” jedheen. Simi’oon hambisee warra kaan erge. Yoo muchaa hafe fiddanii dhuftan lammata ni bitattu,” jedheen. Dhimma kana Yaa’iqobitti yemuu himaan ilma isaa kennuu ni died. Lakki Yooseefin bineensa nyaachiftan kun immoo maal gochuuf.” jedheen. Yihuudaan garuuu “itti gaaftamummaan anarra haa ta’uu,” jedhee fudhee deemee itti geese. Isaanis nyaatanii dhuganii yoo gosti 10’n bakka tokkotti haasa’an Biiniyaam qofaa isaa callisee taa’e.
Biiniyaamiifi Yooseef haadhanis abbaadhaanis tokko. Yooseef Biiniyaamiin “Maaliif hin taphatuu?”jedhee gaafate. Biiniyaam ammoo deebisee “Anis obboleessan qaba ture bineensatu na duraa nyaate” jedhe. Yeroo kana Yooseef gaddee nama isaan keessummeessuun,”Mucaa kana sababa uumiitii akka asitti hafu naaf taasisi,” jedheen. Warqee isaan midhaan ittiin bituu dhufanis akka isaanirraa hin fudhannes ni ajaje. Yeroo kana namichi Yooseef ajaje sun mala Biiniyaamin hambisu argatee xoofoo warqee Yooseef qalqalloo Biiniyaam keessa godhee isaan gaggeesse. Yoo isaan karaa gahan dhaqee isaan dhaqqabee “Namni xoofoon warqee irratti argame gara Yooseefitti akka deebi’u” jedhee dubbate. Sana booda xoofichi qalqalloo midhaan Biiniyaam keessatti waan argameef Biiniyaamiin qabee deebise. Isaanis yeroo kana afaan isaaniitiin “Badii obboleessa keenya irratti hojjennetu nu qaqqabe,” jedhanii dudubbachuu eegalan. Waan isaan dhagahan hin seene. Yooseefis kana dhagayee,”Ani
obboleessa keessan kan na gurgurtaniidha,” jedheen. Isaanis garmalee rifatan. “Hin rifatinaa,” jedhee, abbaa isaaf saragallaa ergee isaaniifis uffataa fi galaa qopheessee gara biyyaatti ergeen.
Yaa’iqoob Yooseef lubbuun jiraachuu isaa yoo dhagahu garmalee gammade. Innis gara Misirii dhufe. Fara’oonis biyya Gessem keessa isaan qubachiise. Kanaan Israa’eloonni gara biyya Masrii dhaquu danda’aniiru. Waggoota 430 boodas Museeedhaan gara biyya isaanitti deebi’aniiru. yooseef yeroo du’etti Kana’aanitti akka isa awwaalan isaan kakachiisee du’e. kanaanis amantii isaa ibseera (Uum.50:22-26, Iyya.24:32, Ibr. 11:22).
Yeroo biyya Misiriitii ba’anittis lafee isaa fuudhaniiru. Yooseef ijoollee lama Efreemiifi Minaasee kan jedhaman qaba. Abbaan isaa Yaa’iqoob hangafummaan Yooseefif ni ta’a jedhee ijoollee isaa lamaan eebbiseeraafi. Kanaanis Yooseef Israa’eel keessatti abbaa qomoo lamaa jechuunis qomoo Efreemii fi Minaasee ta’uu danda’eera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kannan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti, Ameen!