Raajaa Hizqi’eel

Hizqi’eel jechuun “Waaqayyo jabeenya ni kenna” jechuudha. Kan jiraate bara 1500 Dh.K.D. Qomoo Leewwii irraa dhalate. Abbaan isaa Buuz jedhama. Israa’eloonni booji’amanii Faarsii Baabiloon yemmu bu’anitti waggaa 30tti kennaan raaja dubbachu kennameef. Innis Israa’eloota booji’amaniif sagalee Waaqayyoo akka lallabu filatame (Hiz.2:14). Lubummaafi raagummaa tokko taasisee waggoota 20 barsiiseera. Innis dubbii raajii isaatiin haati keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam gooftaa osoo hin dahiin dura, erga deesse boodas yeroo ulfaas durba ta’uu ishee kan raajii dubbate (Hiz.44). Erga boojiidhaa deebi’anii booda Israa’eloonni waaq-harkee harka isaaniitiin hojetanitti buluu qabnaan isaanitti dheekkame. Sababa kanaan itti hinaafanii dhagaadhaan isa reebanii, abiddaan gubanii ajeesaniiru.
Ayyaanni yaadannoo isaatis Ebla 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!