Geediyoon

Dhaloonni isaa qomoo Minaasee keessati. Abbaan isaa Iiyyoo’aas jedhama. Oofiraa keessa jiraataa ture. Guyyaa tokko midiyamota jalaa dheessuuf halkan yoo dhokatee qamadii dhahu ergamaan Waaqayyoo itti muldhatee, “Gooftaan sirra buleen, ‘Israa’eloota Midiyaam jalaa bilisa baasa koottu siin jedha’ jedhiin” jedheen. Geediyoonis ergamichaan, “Erga akkas ta’ee na eegi,” jedhee sa’a qalee wareega dhiyeesseera. Ergamaan qabannaa isaatiin aarsaa inni dhiyeesse tuqnaaniif gubateeraaf. Geediyoonis deebisee, “Oobdiirra rifeensa hoolaa nan diriirsa, sana booda yoo fixeensi rifeensa kana qofaarra bu’ee lafti kaan immoo gogaa ta’e ati narra bultee ijoollee Israa’eel akka fayyistu nan bara” jedheen. Akkuma jedhe fixeensi rifeensicha irra qofa bu’e. Kana qabatee gara qomoo isaatti ergaa ergee namoota kuma 32 walitti Gooftaanis, “Namoonni ati walitti qabde baay’ataniiru, jabina keenyaan diina moone akka hin jenne kan sodaate haa deebi’u,” jedheen. Yeroo kana kumni 22 keessaa ni deebi’an. Ammas lagarra gahanii, “Warra jilbiiffatanii bishaan dhugan deebisi,” jedhamnaa ni deebise. Namoota 300 qofa qabate Midiyaamotatti duule. Gara isaaniittis nama ergisiisee waan jarri jettus erga dhagayee booda, “Faaggaa 300fi Faanosa 300 qopheessuun akkan ani isinitti agarsiisu taasisaa!” jedheen. Yoo achi gahu humni kan Waaqayyoti jedhee faanosii dhaamsee faaggaa afuufe. Midiyaamonni rifatanii baqataniiru (Abboota Murtee 7:1)
Sana booda Israa’eloonni, “Siif bitamna,” jennaan, “Waaqayyoof bitamaa! Anaaf garuu warqiifi meetii naa kennaa,” jedheen. Geediyoon ijoollee 70 dhalcheera (Abboota Murtee 8:31).
Walumaa galatti seenaan isaa kitaaba abboota Firdii/Murtii/ boqonnaa 6-9 irratti bal’inaan ni argama.
Guyyaan yaadannoo isaas Muddee 16 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa
ta’u. Ameen!

Somsoon

Somsoon jechuun ‘Waaqayyoof isa haaraa’ jechuudha. Qomoo Daan irraa dhalate. Haati isaa Intikuyi abbaan immoo Maanuhee jedhama. Haati isaa dhala dhabdee yeroo dheeraaf boo’aafi gaddaa turte. Guyyaa tokko garuu osoo isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheetti dhufee, “Ilma waan deessuuf daadhi waynii hin dhugin akkasumas wanta xuraa’a ta’e nyaachurraa of qusadhu! mucaa dhalatu kanas Waaqayyoon jalqaba irraa waan filatameef mataa isaarra haadduu(qarabaa) hin kaa’inaa (rifeensa isaa murinaa)” jedheen. Isheenis wanta dhageesse kana abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishees, “Yaa gooftaa namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi’ee gara keenya dhufee mucaa dhalatu sana akkamiin akka guddisnu nutti haa himuuf si kadhanna” jedhe. (Abboota Murtii 13:8). Waaqayyo kadhata Maanuhee ni dhaga’e. Ergamichi nama fakkaate sunis lammata itti muldhate wanta dura dubbate irra deebi’ee ibseef. Maanuheeniifi haati manaa isaa qalma re’ee aarsaaf dhiyeessanii ergamichis labooba ibiddaan qalma isaan dhiyeessan keessa gara samiitti yemmuu ol ba’u ni arganii adda isaaniitiinis gadi ni gombifaman. Akkuma jedhames haati warraa Maanuhee Somsooniin ulfoofte deesse.
Somsoon dhalate erga guddatees, jabaa cimaa ta’e. Waggaa 15 yoo ta’u abbaa isaa waliin gara Timnaat osoo deemanii gara bosonaa seenee osoo jiru leenci itti dhufnaan harka isaatiin (aboottee isaatiin) dhahee leencicha ajjeesee bira darbeera. Timnaatitti dubartii bareedduu tokko argee abbaadhaan, “Na fuusisi malee,” jedheen. Abbaan isaa garuu, “Sanyii keenya warra abdii qabu seeraan buluufi warra dhagna qabate keessa ni dhabde moo?” jedhee dide. Somsoon garuu, “Isheen ija kootti tolteerti na fuusisi” jedheen.
Guyyaa muraasa booddee ishee fuudhudhaaf yoo deebi’u yaadate leencicha kana dura abootteedhaan dhahee ajeesse sana yoo ilaalu qoonqoo leencicha du’ee keessatti kanniisni damma dammeessitee turte. Dammicha sana muree haadhafi abbaa isaa nyaachise. Ergasiis dhaqee intalattii/shamarritti/ wajjin ni haasa’e itti toltes. Abbaan isaas gara mana shamara ishee Somsoon fuudhuuf dubbate bira ni dhaqee sana booda cidhis ni qophaa’e. Warri naannoo sanaas cidhi qophaa’uu agarraan namoota 30 hamaamota qopheessan. Somsoon warra hamaamota dhufan kana hibboo guyyaa sadi keessatti deebi’u isaan gaafate. Yoo deebisuu baatan garuu wayyaa quncee talbaarra hojjetame soddomaafi uffata guutu soddoma naaf kennitu jedheen. Hibbichi inni gaafates akkas jedha:
“Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba’e; isa jabaa keessa wanta mi’aawutu ba’e,” jedheen.
Isaan garuu guyyaa sadi keessatti hiikkaa hibboo sanaa himuu hin dandeenye. Garuu, haadha manaa isaa gaafatanii isheen isatti boossee iccitii isaa dhageessee firoottan isheetti himte. Iccitiin hibboo isaas leencaa fi damma isa seenaa Somsoon raawwate sana ta’uu itti himan.
Innis, “Osoo ishii dirqisiinu baattanii hin beektan ture,” jedhee moo’amuu isaatiif wanta gaafateme inni ni kaffale. Aarii guddaadhaan manasaatti gale. Warri Filisxeemotaas haadha manaa isaa warra inni miinjee godhate keessaa tokkotti jalaa heerumsiisan.
Yeroo kana dhagahu Somsoon waangoo 300 qabee xomboora itti hidhee isaan midhaanitti gadhiise midhaan Filisxeemotaa gube. Innis holqa Etaam keessa taa’e. Warri Filisxeemotaas sababa inni haadha manaa isaa nama biraatti jalaa heerumsiisaniif balaan kun akka isaan irra gahe yemmuu hubatan haadha mana isaafi abbaa manaa ishee ni guban. Holqa sana keessayis hidhanii funyoon qabanii gara Filisxeemotaa deeman. Ummanis Somsoonitti wacuu eegale. Afuurri Waaqayyos isaaf ni dhufeef. Yeroo sanas Somsoon lafee mangaagaa harree tokko fudhatee ittiin namoota kuma tokko ajeese. Iddoo sanas ‘Raamaat Lehi’ jedheen. Innis ‘tulluu lafee mangaagaa’ jechuudha.
Somsoon yeroo sanatti garmalee bishaan dheebote. Waaqayyoonis ni kadhate. Waaqayyos kadhaa isaa ni dhagahee bishaan mangaagaa harree sana keessaa ni burqisiisef, innis dhugee jabaate. Bara sanattis Somsoon waggaa 20’f Israa’eloota bulche.
Ergasii booda Somsoon dubartii Daliilaa jedhamtu tokko ni jaalate. Humni isaas garmalee jabaa ture. Kanaaf, warri Filisxeemotaa gara dubartittii dhaqanii, “Humna inni ittiin dadhabu gaafadhuu nutti himi,” jedhaniin, Isheenis isatti watwaatte jennaan yeroo lama sadi sobee wanta biraa itti hime.
Boodas diinni kee siif dhufan yoo jettuun ni ka’a. Xumura irratti garuu, “Ati sin jaaladha jetta malee ana hin jaalattu humni kee kun eessaa akka dhufe natti hin himtuu?” jettee dhiphistee qabatte. Innis humni isaa rifeensa isaa keessa akka ta’e; erga dhalatetiis akka rifeensa hin haaddanne isa dhugaa hime. Isheenis, daadhi wayniitiin macheessitee rifeensa mataa isaa irraa haaddee. Sana booda yemmuu isheen, “Somsoon ka’i diinonni kee siif dhufan,” jettuun humni isaa isa waliin waan hin turreef danda’ee hin kaane. Kanaanis qabamee harka diinota isaatti kufe. Diinonni isaas sibiilan miilla isaa hidhanii, ija isaa lamaan keessaa baasuun akka midhaan daaku taasisan.
Rifeensi mataa isaas yeroo guddachaa dhufutti humni isaa deebi’aafii dhufe. Guyyaa tokko ayyaana taasisanii, “Namicha jaamaa sana nuuf fidamee nuhaa taphachiisu,” jedhaniin. Namni tokko isa masakaa fidee isaan gidduu dhaabe. Yeroo kana Somsoon utubaa manaa harka lamaan qabatee, “Yaa Waaqa gooftaa koo bakka ija koo lamaanii lubbuun koo har’a warra Ilooflii waliin
hu baatu,” jedhee utubaa tokko harka bitaan utubaa tokkos harka mirgaan yoo rukutu kan darbii gubbaa jiranis kan lafa jiranis hundumti badaniiru. Osoo lubbuun jiru kan ajeese irra kan yeroo kana ajeesetu baay’ata.
Somsoon kan jiraate naannoo bara 1300 Dh.K.D dura(Abboota Murtee Boq. 13 hanga 16).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!