Nahimiyaa

Nahimiyaan nama mana Waaqayyoof jaalala guddaa qabu dha. Biyya Arxeksiis jedhamtutti mootichaaf daadhii dhiheessaa ture. Innis masaruma mootichaa keessa waan jiraatuuf qananii guddaa qaba ture. Haa ta’u malee, biyyi abboota isaa Iyyarusaaleem walakkaan booji’amanii, walakkaan immoo warri osoo hin booji’amiin magaala Iyyarusaaleemitti hafan arrabsoofi dhiibbaa namoota Waaqayyoon hin beekneen miidhamanii seera Waaqayyoo irraanfatanii karaa dogongoraatiin fudhatamuu eegalan. Ijoolleen isaanis afaan itti dhalatan irraanfatanii kan biroo haasa’u ture. Dallaan Iyyarusaaleemis jijigdee karri ishees ibiddaan gubate. Maqaan Waaqayyo gooftaas gadi qabamee kan warra Waaqayyoon hin beekne jajjabaachuutti ka’ee ture.
Nahimiyaanis waa’ee kana waan beekuuf, “Iyyarusaaleem iddoon awwaalli abboota koo jiru akkanatti barbadooftee ani akkamiin masaraa kana keessa gammachuun jiraachuu danda’aa?” jechuun halkan guyyaa Waaqayyoon kadhata ture. Baay’isees soomaafi boo’aas ture. Masaraa mootii keessa Jiraatuus, erga diigamuu Iyyarusaaleem dhagahee dhoksaadhaan sooma malee waan gaarii hin nyaatu ture. Booda Waaqayyo kadhaa isaa ni dhaga’e, mootichas garaa ni laamseef. Mootichis Iyyarusaaleem dhaqee akka ijaaru Nahimiyaadhaaf ni eeyyameef. Warri biyyattii qabatanii bitaa turan garuu. “Ati humna maaliin ijaaru dandeessa?” jedhanii itti kolfuun isa arrabsu ture. Inni garuu, “Nuti garbootni isaa kaanee ni hojjenna, Innis fiixaan nuuf baasa,” jedhee uummata jajaabeessaa ture. Gargaarsa Waaqayyootiin lyyarusaaleem ishee diinaan marfamtee turte sana halkaniifi guyyaa uummata gurmeessuun, inaaffaafi jaalala guddaa ajaa’iba ta’een hojjechuun guyyaa 52 keessatti dallaa ishee kabee ni xumure.
Seera Musee kan Israa’elootni dhiibbaa alagootaatiin irraanfatanii turanis ummataaf akka dubbifaman ni godhe. Uummannis guyyaa torbaaf seericha barate. Seera irraanfatanii turan beekuu isaaniitiinis ni gammadan. kanaanis ayyaana guyyaa torbaaf ni ayyaaneffatan. Iyyarusaaleemis ni cimte. Diinotni isaan dhiphisaa turan sunis ni qaana’an. Namoota ijoollee isaanii afaan isaanii irranfachiisanittis ni guungume, ni adabes. Isaanis ijoollee isaanii afaan isaanii barsiisuu eegalan, seerris ni tumame.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!