Sirna ayyaana cuuphaa magaalaa Naqamtee suuran deegarame

Magaloota biyya Itiyoophiyaa keessaa magaalaan Naqamtee tokkoo yeroo taattu, magalaan kunis immoo Godinaa Wallaggaa bahaatti argama. Kan baay’ee nama ajaa’ibuufi nama dinquu wallaggaan biyyaa sirnii dimooksiin itti dagageef babaal’ate yoo jenne nama hin salfaachisuu, kunis immoo dhibbaan siyaasa gosa garagaraa yoo jiraate iyyuu garuu afaan dubbachuun, aadaa bal’aate kabajuun, sirnaafi seeraa walii galteen kan akka wallaggaa hin jiru. Wallaggi biyyaa amantaan gosa adda addaa ta’e keessatti babal’achuu irraas darbee hiidda itti jabeeffatteedha. Garuu, hanga ammatti dhibbaan adda addaa wallaggaa irraa hin fagane, kunis immoo ani yeroo tokko tokkoo osoo Phawuloos iyyuu nama cimaafi amantaa isaaf quqamu miti ta’ee Waaqni isaa hin barbaadu ture ta’a jedheen yaada. Wallaggis akkasumaa wallaggi osoo laafaafi dadhabaa ta’ee qaamni kam iyyuu wallaggaa hin mormuu ture, haa ta’uu malee, wallaggi afaan dubbaatu irraa kaasse hangaa jireenya jiraatutti qaama kamiif iyyuu bitamuu hin barbaadu, Wallaggi ofiin of ga’aadha.

Anis egaa har’a waa’ee dhumaa amantaan wal qabsiisee; wallaggaatti qophiin ayyaannaf taasifamu kan nama dinquufi nama ajaa’ibuudha. Innis immoo taajajiltootni kallaatti jiraan hundaan qophii baey’ee gaarii ta’ee dursuun taasisu kunis sagantaan ayyaana haala midhagaa ta’een akka xumuramuuf sababa guddaadha. Suuraan isin sii gadiitti argitaan kunis yeroo ayyaana cuuphaa kana Magaalaa Naqamteetti.

Ayyaanni kan nagaa gammachuufi jaalalaa isiniif haa ta’u!