Cimanii hojjechuufi milkaa’ina

Barreeffama har’aa keessatti immoo waa’ee milkaa’inaafi hojitti ciminaa; macaafni qulqulluun maal akka jedhu keessatti ilaaltu. Hangaa xumura barreeffama kanatti dubbisuun waan baay’ee jireenya keessan keessatti isin rakkisuus ta’e isin dhiphisuuf furmata kan irraa argatanidha. Barreefmni kun hundii isaas immoo caqasa macaafa qulqulluun waan qabuuf irraa barachuuf irraa hubachuuf baay’ee isiniif salphaadha.

Namni kam iyyuu maqaa waaqan amanee ni jiraata taanan wanta barbaade kam iyyuu hojjechuu ni danda’a. Kanas immoo qulqulluun Phaawuloos akkas jechuun dhugomsee jira.

12Ani jireenya gad deebi’aa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gara irraatti qabaachuus, beeka; ani waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka. 13 Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a

Fil. 4:12-13

Daawitis faarsaa isaa keessatti akkas jechuun namni abdii guutuun waaqayyoon eggachuu akka qabu ni ibsa.

Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jal’annes eeggadhu!

Faar. 37:34

Egaa namni har’as taanan abdii isaa eenyurree? Abdii dhala nama eenyuu? Dhalli nama addunyaa kana irratti hin hafu, innis keessumumaa jiraacha jira. Kanumas ibsuuf macaafni qulqulluun yeroofi bakka adda addaatti ni ibsa. Solomoon akkas jechuun waa’ee hojii ofii waaqatti keennachuu macaafa fakkeenyaa keessatti ibsee jira.

Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba’a

Fakk. 16:3

Gooftaannis yeroo barsiisaa tureetti waa’ee namni hundaa dura mootummaa waaqayyoo barbaadus akka qabu macaafa Maatewoos keessatti akkas jechuun ibsee jira.

Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama

Mat. 6:33

Namoonni biyya isaanii bahuun biyya ormaa jiraachuun illee yeroo amma kana kan eegale miti, geruu dur irraa jalqabee kan itti fufeedha malee. Kanas immoo macaafa qulqulluu keessatti waa’ee Yooseef ilaalu ni dandeenya, innis immoo biyya warra misiraatti yeroo gurguramee waaqayyoo isa wajjin ture, inni ulfina qaba ture. Har’as taanan biyya ormaas yoo ta’ee biyya ofii kan jiran waaqayyon qabu taanan homaa hin ta’an.

2 Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu wal qixxaateef; inni mana gooftaa isaa nama Gibxii sanaa keessa ture. 3 Gooftaan isaas, Waaqayyo akka Yoseefii wajjin jiru, waan inni harkaan qabus Waaqayyo akka wal qixxeessuuf in arge.

Uum. 39:2-3

Namni hundiis lapheen guutuun waaqayyoon amanuu qaba, namni waaqayyoo amanees hin gabbu, hin leeyya’us. Yaadni qalbii isaas fiixan ni bahaf. Kanas macaafni yeroo nutti himu akkas jedha.

5 Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! 6 Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.

Fakk. 3: 5-6

Egaan, Namni addunyaa kana hundaas qabatee waaqayyon garuu hin qabu taanan gatii maalii isaaf qabaree? Waan hundaas bufatee lubbuu isaaf bu’aa hin arganne taanan addunyaa kana irratti qofa cimuun maal bu’aa isaaf buusaree? Kanas macaafni akkas jedha

Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu’aan isaa maali ree? 

Mar. 8:36

Hojii biyya lafattis cimnee akkuma hojjennu waa’ee jireenya bara baraaf illee jabaachuu akka qabnu macaafni nutti ni hima. Garuu, biyya lafaaf cimaa taane amantaa dadhabaa ta’uu hin qabnu. Akkasumas amantaatti cimaa taane hojii biyya lafaaf dadhabaa ta’uun kadhattuu ta’uu hin qabnu. Sababni isaas macaafni akkas jedha

Namni dhibaa’aan waa argachuu in kajeela, homaas hin argatu;
namni ba’eessa godhee hojjetu garuu in guddata

Fakk. 13:4

Masluufummaan, dhibaa’ummaan nurraa fagaachuu qaba, yeroo waan barbaadnes ni arganna.

Egaa, barreeffamni kun dheeraa ta’uus waan baay’ee irraa barata jedheen yaada, fuldurraaf cimtees ni hojjetta jedheen abdaadha.

Galanni waaqayyoof haa ta’u. Jabaan Waaqadha, kan jabeesse nama dhaabus isadha.

Ameen!

Seera Gaa’ela Warra Amantootaaf 1ffaa Qor. 7 – 40

1 Gaaffiin isin anaaf caaftan na ga’eera; waa’ee dhiiraa fi dubartiin walii wajjin jiraachuu garuu, namni dubartii bira dhaquu yoo dhiise gaarii dha. 2 Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu. 3 Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. 4 Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda’u. 5 Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga’uu wal hin didinaa; isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka’e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.


6 Kanas karaa isiniif banuufan jedhe malee, isin abboomuuf miti. 7 Ani illee namoonni hundinuu fuudhuu dhiisanii akka koo akka ta’an nan jaalladhan ture. Haa ta’u iyyuu malee, namni adduma addaan kennaa Waaqayyo isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa akkasii, inni kaanis kennaa akkasii qaba. 8 Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa du’an, akka koo fuudhaa fi heeruma malee yoo hafan isaaniif ba’eessa, nan jedha. 9 Of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya*. 10 Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti; haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba’in! 11 Yoo abbaa manaa isheettii gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti haa araaramtu; abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin!


12 Warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta’in ani nan gorsa; namni amane tokko haadha manaa hin amanin yoo qabaate, isheenis abbaa manaa ishee sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallatte, inni ishee hin baasin! 13 Dubartiin amante tokko abbaa manaa hin amanin yoo qabaatte, innis haadha manaa isaa sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallate, isheen namicha gad hin dhiisin. 14 Abbaan manaa hin amanin karaa haadha manaa isaatii Waaqayyo biratti fudhatamaa dha; haati manaa hin amanin karaa abbaa manaa isheetii Waaqayyo biratti fudhatamtuu dha. Yoo akkas ta’uu dhabaate ijoolleen keessan Waaqayyo biratti fudhatamoo miti, amma garuu fudhatamoo dha. 15 Isin keessaa inni hin amanin hidhata isaattii gargar ba’uu yoo fo’ate garuu, gargar ba’uu in danda’a; Waaqayyo jireenya nagaatiif waan isin waameef, yeroo kanatti inni amane yookiis isheen amante hidhata gaa’elaattii hiikamuu isaanii ti. 16Ati dubartii nana! Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta?

Jireenya Itti Waaqayyo Nama Waametti Jiraachuu

17 Namni adduma addaan akka gooftichi isaaf qoodee kennetti, akka yeroo Waaqayyo isa waamettis itti fufee haa jiraatu; akkuma kanattis waldoota kristiiyaanaa iddoo hundumaa jiran nan seerradha. 18 Namni erga dhagna qabatee waamame, akka waan dhagna hin qabatinii hin ta’in; namni utuu dhagna hin qabatin waamames dhagna qabachuu hin barbaadin! 19 Abboommota Waaqayyoo eeguutu gatii qaba malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu. 20 Namni adduma addaan waamicha Waaqayyo itti isa waame keessatti haa hafu.

21 Waaqayyo yommuu si waame garbummaa jala turtee? Kun si hin dhibin! Birmadummaa argachuu yoo dandeesse immoo, caalaatti itti jabaadhu. 22 Namni garbummaatti utuu jiruu waamicha gooftaa argate, goofticha biratti inni birmaduu dha; akkasumas namni birmadummaatti utuu jiruu waamame, inni Kristosiif garbicha. 23 Waaqayyo gatiidhaan isin bitate, kanaafis garba namootaa hin ta’inaa! 24 Egaa obboloota ko, namni adduma addaan waamicha itti waamame keessatti hafee Waaqayyoo wajjin haa jiraatu.

Warra Hin Fuudhinii Fi Hin Heeruminiif, Warra Abbaan Manaa Irraa Du’eef Yaada Kennuu Isaa

25 Waa’ee warra qeerrummaadhaa fi durbummaatti jiranii gooftaan abboommii hin kennine; ani garuu akka nama araara gooftaa argatee amanamaa ta’etti, waa’ee isaaniitiif yaada koo nan kenna. 26 Rakkina dhufuuf jiru kana keessatti namni utuu hin fuudhin akkasumatti yoo hafe ba’eessa anatti fakkaata. 27 Seera gaa’elaatiin haadha manaa keetti hidhamteettaa? Yoos ittii hiikamuu hin barbaadin! Niitii hin fuunee? Yoos niitii fuudhuu hin barbaadin! 28 Haa ta’u iyyuu malee, yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Warri fuudhanii fi warri heeruman garuu guyyaa guyyaatti jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin oolchuu barbaadee isin gorsuu koo ti.

Obboloota ko, yeroon si’anaa kun dhumuuf jedha jechuu koo ti; si’achi warri haadha manaa qaban akka warra hin qabaatinii haa ta’an. 30 Warri boo’an akka warra hin boo’inii, warri gammadan akka warra hin gammadinii, warri bitan akka warra qabeenya hin godhatinii haa ta’an! 31 Warri biyya lafaatti dhimma ba’an, akka warra itti dhimma hin ba’inii haa ta’an! Biyyi lafaa inni amma mul’atu kun in dhidhima.


32 Waan biyya lafaa kanatti dhimmuu dhiiftanii akka jiraattan nan barbaada. Namni hin fuudhin gooftaa gammachiisuudhaaf hojii gooftaatiif dhimma; 33 Namni fuudhe garuu haadha manaa isaa gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimma. 34 Yaadni isaas iddoo lamatti hiramaa dha; dubartiin deebitee hin heerumin yookiis durbi namummaa ishee fi hafuura ishee jireenya qullaa’aadhaaf kennite, hojii gooftaaf in dhimmiti; isheen heerumte garuu abbaa manaa ishee gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimmiti. 35 Kanas isin gargaaruuf nan dubbadhe malee, funyoo morma keessanitti diruuf miti; isin wanta qajeelaa, wanta dhaabataas hojjechaa, yaadni keessan waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif akka of kennitan nan barbaada.

36 Namni tokko fuudha ga’ee, kaadhima isaa fuudhuu dhiisuun isaa akka waan ishee irratti dabaa hojjetee yoo itti fakkaate garuu, fuudhuun isaas hin oolu erga ta’ee, akkuma dur jaallatetti wal haa fuudhan; akkas gochuu isaatiin cubbuu hin hojjetu. 37 Namni tokko immoo fuudhaaf wanti isa giddisiisu hin jiru yoo ta’e, fedha foon isaatiis mo’achuu yoo danda’e, yaaduma garaa isaatiin in dhaabata; inni kun yaada garaa isaa muree kaadhima isaa durbummaatti yoo dhiise ba’eessa gochuu isaa ti. 38 Egaa namni ishee kaadhimate fuudhu ba’eessa godha; inni ishee kaadhimate fuudhuu dhiisee akkasumatti hafus caalaatti ba’eessa godha.

39 Haati manaa, hamma abbaan manaa ishee jirutti seera gaa’elaatiin isatti hidhamtee jiraatti. Erga abbaan manaa ishee du’ee garuu, abbaa feetetti heerumuu in dandeessi, garuu nama amanetti haa heerumtu. 40 Haa ta’u iyyuu malee, yoo heerumuu dhiifte akka yaada kootti caalaa gammachuu in argatti; anis immoo hafuura Waaqayyoo qaba jedheen yaada.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Jabaan isadha.

Ameen!

Naa caalee yaa gooftaa olmaan kee – faarsaa gabbii

Naa caalee yaa gooftaa oolmaan kee
Akkamiin deebisuu gatii kee
Naa moo’ateerra hoo jaalalli kee
Akkam godheetan ibsaa gaarrummaa kee


Duu’a koo naaf duute naa fayyistee
Balleessa yakka koo naaf dhiistee

Naa caalee Jaalalli kee

Bareedina guddaan na uummatee
Bifa mataa keetti fakkeessitee
An garuu dagaadhee abboomii kee
Yoon sitti balleessus nan jibbinee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa arjummaan kee guddaadhaa

Ni madaala anaaf reebbichii
Koo turee yaa uumaa gindillaa faannichii
Ba’aa koo naaf battee jaalalaa agarsiistee
Dhiphinaaf gidiraa narraa dabarsitee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa garrummaan kee guddaadhaa

Guyyaa dhiphoo sanaa hin irraanfadhuu
Qullaa kee dhaabatee an yeroon uffadhuu
Maal jedheen dubbaadhaa waa’ee olmaan kan kee
Umurii koo guutuun labsaa jaalalaa kee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa garrummaan kee guddaadhaa

Akkamittaan ibsaa gaarrummaa kee
Duu’a koo naaf duute naa fayyistee
Balleessa yakka koo naaf dhiistee

Torban tsooma guddaa isa jalqabaa – Zewerede

Akka dhahaata Mana Kiristaanaatti torban Sooma Iyyesuusii hundi moggaasa mataa isaanii qabu. Torban inni duraa kuni “zawarada” jedhama. Hiikaan isaa “Isa bu’e” jechuudha. Mooggaasichi Isa samiirraa bu’e Gooftaa Iyyasuus Kiristoos yaadachuuf moggaasa moggaafameedha. Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Waaqa ta’ee otoo jiruu nama ta’e.

Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?

Far. 8:4

Akkuma jedhame, Waaqayyoo ofii isaa nama ta’ee gad bu’ee ilma namaa boqoonqa cubbuu keessatti qullaa dhaabbatu yaadate. Kunis immoo macaafa qulqulluu seera uumamaa keessatti ni argina. Addaam cubbuu raawwachuu isaan waaqayyo jalaa ni dhokkaate, qullaa ta’uu isaa ni bare.

Ani sagalee miilla kee iddoo dhaabaa keessatti dhaga’ee, qullaa koo waanan tureef nan sodaadhe, nan dhokadhes? jedheen.

Uum. 3:10

Gooftaan keenyas qullaa keenya dhoksuuf jedhee ofii isaa addababayii Qaraaniyootti uffata irraa soqolanii fannoorra oole.

Isaan wayyaa irraa baasanii, uffata bildiimaa itti uffisan. Gonfoo qoraattii hojjetanii mataa isaa irra kaa’anii, ulees harka isaa mirgaatiin qabachiisan. Isa durattis jilbeenfatanii, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii itti ga’isan

Mat. 27:28-29

Kunis immoo Kiristoos ofii isa salphaate dhala nama fayyina ta’uuf jechaadha. Kanumaas immoo kan dhugoomsu macaafni raajicha Isaayaasa akka jedha.

1Isa nuyi dhageenyee himne eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul’ate? 2Inni akka biqiltuu mukaatti goofticha duratti ol in ba’a, akka hidda mukaa isa lafa gogaa keessaa ba’uus in ta’a; simboodhaa fi surraa waan hin qabneef, nuyi isa ilaaluu hin jaallanne; miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre; 3namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay’ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta’e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.1 Yoh 12:38; Rom 10:16 2 11:1 3 Far 22:7 4Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa’e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha’icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne. 5Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; 6nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa’e.4 Mat 8:17 5 Rom 4:25; 1Phe 2:24 6 1Phe 2:25; 2Qor 5:21 7Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne*. 8Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame; hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree? Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame, balleessaa saba kootiitiin hamma du’aatti in adabame; 9inni jal’ina tokko illee hin hojjenne, gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane; awwaalli isaa warra jal’oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame

Isa. 53:1-9

Ilma namaas gonfoo kabajaafi ulfinaan gogle jechuun faarsaa daawit keessattis akkuma dubbatu

‘Yaa Waaqayyo, kana keessaa immoo, xinnoodhuma ofii keetii gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse.

Faar. 8:5

Gooftaan ofii isaas mootiifi waaqa akka ta’e Niqoodimoositti himee jira. Kanas immoo macaafa Yohaanis irraa ni arganna.

Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu’e sana malee, homtinuu gara waaqaatti ol hin baane

Yoh. 3:13

Gooftaan keenya nu fayyisuuf jechaa hojii kasoominaan raawwate kana yeroo ibsu akkana jedha

… simboodhaa fi surraa waan hin qabneef, nuyi isa ilaaluu hin jaallanne; miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre*; 3namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay’ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta’e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne

Isa. 53:1-3

Eegaa Gooftaan akkaataa kanaan gadi bu’ee nu fayyisuu isaatiin fakkeenya nuu ta’ee jira. Kanaaf, nutis gadi bu’uudhaan Isa fakkaachuu qabna jechuun qulqulluun Pheexroosis akka jedha (1Pheex. 4:13).

Kristos namummaa fooniitiin erga dhiphatee, isinis immoo akkuma isaa yaaduudhaan, akka nama lolaaf mi’a hidhatetti taa’aa! Namni namummaa fooniitiin dhiphatu cubbuutti of kennuu dhiiseera

1Pheex. 4:1

Kana malees qulqulluun Pheexroos erga isaa isa lammaffaa irrattis akkuma kiristoos nu jaallachu irraan kan ka’ee gatii hanga kana nuuf kaffalee nuttis waal jaallachuu akka qabnu akkas jechuun ibsa.

Nama Waaqayyoo ta’uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa

2Pheex. 1:7

Mootuummaa Waaqayyootti kan caalu kan mataa gadi qabateedha waan ta’eef Inni yeroo Isaatti akka ol nu kaasu gadi jechuu qabna. Kanumas kana ibsu macaafa Matiwoo irratti akkas jechuun ibsee jira.

Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa. Eenyu illees mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima? jedhe*

Mat. 18:4-5

Xumura irrattis gooftaan yeroo “Xumuramee” jedhu akkuma mataa isa gad qabtee nuttis har’as taanan kaayyoo afuurawaaf jechaa mataa keenya gad qabachuu cimuuf jabaachuu qabna.

Yesus daadhii dhangaggaa’aa sana erga afaaniin qabee booddee, ?Fiixaan ba’eera? jedhe; mataa isaas jal’isee hafuura isaa kenne.

Yoh. 19:30

Waan hundummaa kan danda’u galanni waaqayyoof haa ta’u! Hanga bara baraatti Ameen!!!