Faarsaa Yeroo Ayyaana Cuuphaa Gooftaa

Gurguddootaa dhiisee isaa bade barbaachaa(2x)
Walakkaa galanaa dhabbate walakkaa galanaa.

Iccitii isaa guddaa abbaan ifa baasee
Ilmaa isa jaallatuu gooftaa nuu badhaase
Maqaa sooratne isa ittin bullu
Waaqayyoo nuuf keenne affuura qulqulluu

Ofii irraat arginaan yoordanoos uummaa isaa
Teellati deebi’ee mul’isee sodaa isaa
Gooftaan hundaa uumee gad of qabuudhaanii
Cuuphammudhan kunoo nuuf bu’ee nagaanii

Daawit mul’ataasaan akkumaa dubbaate
Arjummaan gooftichaa sirriitti mul’aate
Lafti ifaan guutees lammuun dukkanaa’uu
Jira yeroo dhiphuu waaqni inni nuuf nahuu

Jireenyi garbummaa seexanna harkaa ba’ee
Aangoo Iyeesuusiin har’a barbada’ee
Galataaf dhabbannee nuuttis dhugaa baanaa
Maqaa Kiristoosiin nama ifa taanaa

Gurguddoo dhiisee isaa bade barbaachaa(2x)
Walakkaa galanaa dhabbate walakkaa galanaa.

አዲጎ ተሳ ወተሳተ ነገድ ነገዲ(2x)
ማህኬለባሕር (3x) ቆመ ማህኬለባሕር

Ni Cuuphamee Iyyeesuus Yoohaanisiin Yordaanositti

Ni cuuphamee Iyyaasuus Yoohaanisiin Yordaanosittii (x2)
Arganneerraa bilisummaa kan nuuf kenne ilma Waaqayyootii (x2)


Samiirra gad bu’ee Yordaanosittii
Harka yohaanisiin
Yoordannoos keessatti
Ni cuuphamee gooftaan
Garbicha seexanaa
Garbittii ta’uunii
Iyyasuusin hafee
Humna waaqayyoonii


Gammoojjitii dhufee Yordaanositti
Yohaannis lallabee
Qalbii jijjiiradhaa
Afuuran jiraadhaa
Karaa kan sirreesseef
Ilma waaqyyoofii
Inni anarra caaluu
Sin cuupha Afuuraani


Lammata dhalannee Yordanosittii
Bishaanif afuuran
Deebinee jiraachuuf
Laphee amantaadhan
Sanyiin Addaam hunduu
Bilisummaa qabnaa
Fayyina argannee
Addunyaaf lallabnaa


Mootummaan Waaqayyoo Yordaanosittii
Nutti dhiyaateeraa
Qulqulluu Yohaannis
Jedhee barsiiseeraa
Amantaan Gooftaanis
Cuuphanis tokkichaa
Isatti jabaadhaa
Amantaattis cimaa


Ijjoolleen waloomaa Yordaanosittii
Takkaa amanneerraa
Baruumsa keesummaa
Nut achi ganneerraa
Nuuf galeetu malee
Jaalallii Gooftichaa
Callisnee hin deemmnu
Beeknetu barichaa


Ilmi Abbaa eebifamaa Yordaanosittii
Dhiifama kan laatu
Akka malketseediq
Luba barabaraa
Dhiifama nuuf godhi
Jedhiitii na cuuphii
Gooftaan ni dubbatee
Yohaanis cuuphattii

Kunoo Nuuf Dhalaatee

Kunoo nuuf dhalaatee(3x)
Foon durbee maariyaam inni ni uffate
Ji’aa sagal guutuu bultoo taasifatee
Beteliheem keessatti waaqni nuuf dhalaatee

Maariyaam gammaadii(3x)
Waaqa samiifi lafa garaa keetti baatee
Abiddichaa sanaa harkaa keen hammatee
Maariyaam gammadii ati eebbifamtee

Gooftaan ni cuuphamee(3x)
Xalayaa garbummaa diigee tattaarsasee
Ofii isaa cuuphamee cuuphaa nu barsiisee
Garbummaa diinarraa bilisaa nu baasee

Yoordanoos baaqatee(3x)
Mootii mootii caaluu humna isaa agartee
Waaqa waaqa caaluu isa dinqiisifatee
Sodaa guddaadhaannis dubbaatti deebitee

Gooftaan fanniiffamee(3x)
Baalessaa isaa malee innoo garafamee
Karaa isaattinnii fayyinni argamee
Balballii gannataa harkaa isaan banamee

Gooftaan du’aa ka’ee(3x)
Diinni keenya dabiloos ni qanaa’ee
Aangoo du’aa sana inni ni kuffisee
Hundaa moo’achuu isaa hundaatti mul’isee

Samiitti ol ba’eerraa(3x)
Afuura jabeessa innoo nuuf ergerra
Nuu waliin jiraachuuf waadaa nuuf galeerraa
Kabaja guddaadhaan mirga abbaa ta’eerraa.

One thought on “Faarsaa Yeroo Ayyaana Cuuphaa Gooftaa”

Comments are closed.