Seenaa Dinqisiisoo, qabsuurafi jireenya Yohaannis Cuuphaa

Then comes Jesus from Galilee to Jordan to John, to be baptized of him. But John forbade him, saying, I have to need to be baptized of you, and come you to me? And Jesus answering said to him, Suffer it to be so now: for thus it becomes us to fulfill all righteousness. Then he suffered him. 16 And Jesus, when he was baptized, went up straightway out of the water: and, see, the heavens were opened to him, and he saw the Spirit of God descending like a dove, and lighting on him: And see a voice from heaven, saying, This is my beloved Son, in whom I am well pleased.

(Matthew 3:13-17)

Qulqulluu Yohaannis cuuphaan qulqulloota kaan irraa seenawwan adda ta’ee fi baay’ee nama dinqu qaba.

Eebbi qulqulluu Yohaannis cuuphaa nu irra haa buluuti

Mee Kitaaba Qulqulluun Waahee isaa maal akka jedhu waliin ilaalla

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan

1.Abbaa fi Haati isaa erga dulloomanii,yeroon daa’ima argachuu isaanii darbee booda isa argatan(Luq 1:18)

2. Missiraachoo ergamaatiin dhalate,maqaan isaas ergamaadhan mogga’e (Luq 1:13)

3. Osoo gadamessa keessa jiru afuurri qulqulluudhan guutame(Luq 1:15)

4. Osoo gadaamessa keessa jiru ennaa sagalee Dubroo Maariyaam dhagahutti ni utaale (Luq 1:41)

5. Gooftaan mataa isaatiin warra dubartoota irraa dhalatan hundumarraa(Gooftaa Iyyasuusii gaditti) kan caalu isa ta’uusa jecha isaa hin haalamne sanaan dhugaa baheeraafi.Kuni eenyufuu hin dubbatamne. (Mat 11:11)

6. Nama ta’ee osoo jiru Waaqa Ilma(Iyyasuus Kirstoosin) kan cuuphe Yohaannis isadha. Mat 3:15

7. Uffatni isaa fi sooratni isaa kan namootarraa adda ture. Mat 3:4

8. Hamma waggaa 30tti gammoojjii keessa jiraate

9. Akka abbootni mana kiristaanaa barsiisanitti mataansaa erga muramtee boodee gammoojjii Arabiyaa keessatti waggaa 15 barsiifte

10. Gooftaa Iyyasuusiin firooma dhiigaa qabu.(Luq 1:36)

11. Sirbituu kan turte intalli Heerodiyaadaa, mooticha waan gammachiifteef, mootichi gammadee ennaa “maalan si ‘shallama’ jedhee ishee gaafatutti, “mataa Yohaannis cuuphaa irraa muri naa kenni” jetteen. Sababa kanaan mataan Yohaannis cuuphaa mana hidhaa osoo jiru mataansaa muramee ‘waciitiidhaan’ dhiyaatee kennameef. Yaa daba namaa, osoo waa meeqa qabeenya meeqa kan ishee fayyadu mooticharraa gaafachuu dandeessu,hammeenyaan mataa Yohaannis cuuphaa gaafatte. (seenaa isaa Wangeela Marqos 6:16) irraa dubbisadhaa.

12. Biyya keenya keessatti xaballi maqaa qulqulluu kanaan burqu seenaa heddu hojjechaa jira.Dhukkubsataa heddus fayyisaa jira.

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Hunduma keenya waliin ha tahu

Waaqayyo Gooftaan keenyi Ayyaana kana Ayyaana keenya Kan Nagaa Fi Jaalalaa Nufa Taasisu

Baga Ayyaana Cuuphaa gooftaa Keenyaa Iyyesuus kiristoos Kan bara 2015 Nagaan Gessan

Ayyaana Gaarii hunduma keenyaf ha ta’u!