Kamisaa Kan Kadhatamu

Galata Giiftii Keenya Durboo Maariyaam Kamisaa Kan Kadhatamu
Kutaa Arfaffaa

  1. Mudaa (Xuraa’ina) kan hin qabne giiftii Durboo Maariyaam lalistuu Museen gammoojjii keessatti utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta’e. Ibiddi waaqummaas ishee hin giubne. Erga isa deessene boodas durbummaan ishee hin jijjramne. Innis nama ta’uusaatin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti Waaqayyodha, dhugumatti Waaqayyo kan ta’e inni dhufee nu fayyise.
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
  2. MWaaqayyo kan deessee yaa giiftii keenyaa, hundumti keenya si galateeffanna dhiifamni kee hundaa keenyaaf akka ta’uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi duraa namummaa keenyarra bule kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan deessee Dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati.
    Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa Durboo Maariyaamiin nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa Kiristoosidha. . Icciitii dinqii waa’ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda’uu laphee isa kami? Dhaga’uu kan danda’u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta’u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta’e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta’uunshee beekame. Waaqayyo bal’inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphinafi ciniinsuudhaan akaa deessu itti murta’ee ture argama jireenyaa taatee. Abaarsa namummaa keenyarraaa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu “Yaa nama kan jaallatu ulfinni siif haa ta’u arjaafi fayyisaan dhaqna keenyaasidha.” jenne haa galateffannuun.
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
  3. Sanyii dhiira malee waaqayyon kan deesse hojiin garaa dubroo akkam nama haa dinquu? Ergamichi yoseefitti mul’ate “Afuura qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiramiin nama kan ta’u jechaa waaqayyodha.” jedhee dhugaa ba’eera. Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse. Ergaamichi dabale “Ilma ni deessa maqaasaas Amanu’eel jedheen, hiikni isaas Waaqayyo nu wajjin ta’e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta’u. Nama kan ta’e isaatiiin Waaqayyo ta’uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate. Namoonni ogummaa isaaf sagadan, Waaqa waan ta’eef ixaana fidaaniif,mootii waan ta’eef warqee fidaaniif du’a nuuf jedhee fedhiisaatin fudhateefis qumbii(karbee) fidaniif, arjaafi nama kan jaalatu isaa qofadha.
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
  4. Cinaacha Addaam keessa lafee tokko fudhachuun akkam nama dinqu? Isaarras dubartii uume, uumama nama hundumaas uume. Jechi abaaa Gooftaa ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amanu’eel jedhame.kanaafuu, Ilmashee jaallatamaa waliin akka nuu ararsituuf yeroo hundumaa ishee haa kadhannu. Isheen Qulqullootafi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan tajaajila deessettifi’oo, raajootafis kan isaaf raajii dubbatan deessettifi’oo, duuka bu’ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif deessettifi’oo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura’an,baay’inni kennaa ogummaasaa kan hin beekamne.Iyyaasuus Kiristoos Isheerraa dhalatee’oo,baay’ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerra’oo.
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
  5. Waaqayyo Dawwitiif “Sanyii kee keessa teessoo mootummaa keerraa naan kaa’a” jedhee dhugumatti ni dubbate, ittis hin gabbu. Qulqulluun Dawwit Kiristoos fooniin isarraa akka dhalatu yeroo amaneetti, bultoo jechaa Waaqayyoo barbaadee argachuuf jaallate, kanaas tattaaffii cimaadha raawwate,kana boodas “kunoo efraataatti isaa dhageenye” jedhee Afuura qulqulluudhaan dhageessisee dubbate. Isheenis Amanu’eel nu fayyisuuf fooniin irraa dhalachuuf kan ishee filate bultoo Waaqayyo Yaa’iqoobidha. Lamaffaas raajoota keessa inni tokko Milkiyaas,”Yaa Beetelihem kutaa efraataa kan taate biyya moototaafi qondaaltota biyya yihuudaatiin gaditti hin taatu lammii koo Israa’eeliin kan eegu mootiin isa keessa ni ba’a, “har’aa kaasee hanga bara baraatti arjaa Abbaasaa fi Afuura qulqulluu wajjin galanni kan ta’uuf waa’ee kiristoos Afuura tokkon raajii kan dubbatan dubbiin mikiyaasiifi Dawwit akkan nama haa dinqu?
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
  6. Mootiin Israa’eel Daawit, yeroo diinoonnisaa isarratti ka’anii turetti, burqaa bishaan Beetelihemirra dhuguuf hawwe /barbaade. Ajajoonni loltusaa ariitiidhanan magaalaa diinasarraa kan inni dhuguuf hawwe bishaan fidaniif. Dawwit qulqulluun garuu isaaf jedhanii du’aaf dabarsanii of kennuusaanii yommuu argu, bishaan sanan ni dhangalaase, isarraas hin dhugne. Kana boodas bara baraaf hojii gaarii ta’ee lakkaa’ameef. Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan.Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadha’aa obsan. Yaa Gooftaa akka baay’inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.
    Yaa qulqulleetti nuuuf kadhadhu.
  7. Sillaasee qulqulluu keesaa inni tokko Ilmi, salphina keenya argee, samii samiirras bu’ee gad of qabee dhufee garaa maariyaam keessa bule. Cubbuu hojjechuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta’ee. Akkuma raajoonni dubbataniifiitti Beetaliheemitti dhalate jaallate nu fayyise, gartuu isaas nu taasise.
    Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.

afanoromobatch.wordpress.com

Seenaa Gootota Oromoo

Seenaa,Jireenyaa,qabsaa'ota,Oromoo,Goota,QeerroofiQarree

Yoosaad Online Learning Platform

Learn as much as you can and do all you can - Learning as high as the mountains, as wide as the seas - No limits to what one still has to learn - Ars longa, vita brevis!

Oromummaa

Oromo Offical

SAGANTAA BARNOOTA ORTODOOKSII OROMOO

oroorthodox.wordpress.com