Yeroo yaaddoofi sodaa ta’eetti

Yeroo yaaddoofi sodaan si rakkisu jajjabinafi nagaa karaa caaffata qulqullaa’oo abdiifi egeree keef waadaa siif galuun argadhu. Sodaan, yaaddoon, fi dhiphuun hundinuu jireenya guutuu Waaqayyo nuuf qabu akka hin arganneef meeshaa Seexanaa ti. Miirri kun nu liqimsuufi akka laamshofnu nu gochuu danda’a. Macaafni maal akka jedhuuf sagalee isaa hordofuun garuu, akka yaaddoofi dhiphuu irraa bilisaa ta’uun jiraachuuf gaariidha.

Akkas jechuun kadhadhu

Yaa waaqayyo, Waan hundaa naaf keennite jirta. Nageenya naaf baay’isteetta. Nagaan koo sidha malee kan biraa miti, jireenyi koos sidha malee kan biraa miti, uumamuu koo irraa kaaste hanga yoonatti, ati narra adda baate hin beektu, galanni sif ni ta’a, oqubaan sif ni ta’a, yeroo hundaas mana kee keessa akkan jiraadhu ati na taasisi. Sodaa, yaaddoo, dhiphuu hundumaa ati na keessa dhabamsisi. Ati dhiphuuf yaaddoo irraa bilisaa na baasi, anis si qabadhee nan bilisooma. Si malee abdii kanan godhu hin jiru. Abdii waan naaf taatef sin galateeffadha. Jechaa waaqayyoof galata dhiyeessin.

Ammas abdiin koo eenyuudha? Abdii ani qabu sidha! አሁንስ ተስፋዬ ማን ነዉ? እግዚአብሐር አይደለምን?

Far. 39:7

Caqasa asii gad jiru kana hundaa isaa dubbisa. Macaafa qulqulluu keessaa kan bahan waan ta’eef waan gaarii irraa ni argattu.

Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

1Yoh. 4:11

13 Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha? 14 Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.

1Phex. 3:4

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

2Xim. 1:7

warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.

Isa. 35:4

Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.

Isa. 40:31

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Isa. 41:10

Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.

Ibr. 11:1

Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa. 

Yoh. 14:1

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.

Iyyaa. 1:9

Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. 

Luq. 12:22

5 Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; 6 karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

Fakk. 3:5-6

Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. 29 Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamiifi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. 30 Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.

Mat. 11:28 – 31

Jechuun sagalee yeroo dhaga’an imimmaan nama caalsisu dubbachuun gara isaatti kan nama waamu waaqa qofaadha. Sagalee armaan olii hunda irraa barumsaa baay’ee akka argataan abdiin qaba. Waaqayyoon jaalalafi arjummaa, eebba isaa nuuf haa baay’isuu.

Nu kakkaassee kan nu jalqabsiise jalqabsiisee kan nu xumursiise galanni waaqayyo jabaaf haa ta’u.

Ameen!