Ano nan boonaa waaqa koonii

New 2023 Afaan Oromoo Orthodox Mezmur Lyrics

Ano nan boonaa waaqa koonii
Kan naa jaallatee tolaa akkanaanii
Anarraa qabdaa oolmaa guddaa
Hundaa keessaa kan kee addaa

Gatii tokko malee na jaallatee
Barbaacha koo dhufee ariifatee
Iddoon kufee jiru ol na kaasee
Abboo muucummaa koo naaf deebisee (2x)

Ati anaaf jireenya kootii na bitte taaliga keenii
Ati anaaf jireenya kootii na waamtetta ati jaalalaanii
Ati anaaf jireenya kootii sinaan hoo hundumaa darbee
Ati anaaf jireenya kootii Oolmaa keef an jechan dhabee

Dhufeetuu na baasee dhiphinaa keessaa
Isaa na cunqursuu cunqursaa
Kiyyoo diina kootii ciirameeraa
Bilisummaa argadhee gammaderaa (2x)

Ati anaaf jireenya kootii waa’ee koof situu naaf falmee
Ati anaaf jireenya kootii fannoo kootti sit fanniffamee
Ati anaaf jireenya kootii tiksee koo isa amanammaa
Ati anaaf jireenya kootii hundinuu siif danda’amaa

Boolaa lencaa keessaa naa buusaanii
Jiraachuun koo madaa itti taananii
Gooftaan koo naaf ergee ergamaa isaa
Ana biraa hin hafnee gargarsi isaa (2x)

Ati anaaf jireenya kootii hin beektu ati naa dagatee
Ati anaaf jireenya kootii naa jiraachisuuf naa duutee
Ati anaaf jireenya kootii jiraadhuu mo’ii narraatii
Ati anaaf jireenya kootii an kan kee atis kan kootii