Dhiphachuun kee gooftaa garaa koo na nyaataa

Dhiphachuun kee gooftaa koo garaa na nyaataa
Oolmaan kee qaraaniyoo kan guyyaa jimmaata
Ati unuuf jette fannoo jiidhaa baattee
Iddoowwan shan si waraanannii mukaatti fannifamtee

Kabbalaaf dhiitichaan fannoo irratti olbaatee
Cubbuu keenyaaf jecha cubbaamas kan taatee
Ba’aa keenya baatee isaa nutti baanuu
Galatoomii gooftaa waan siin jennuun qabnu

Tuffatama taatee ati mootiin hunda
Oolmaa nurraa qabda gocha isa guddaa
Kan akkas namaaf ooluu eenyuree akki kee
Kan nuuf oolun jiruu gooftakoo akka kee

Jaalalaa kee dhugaa fannoodhan muldhiftee
Du’a lubbuu irraa bilisa na baaftee
Nutii badnee turee baleessaa Hewwaninnii
Bilisa baannera dhiphachuu kee dhaannii

Kan kee hundaa caalaa oolmaafi arjummaan kee
Dabarsittee laate Addaamiif lubbuu kee
Galanni kee hin dhumuu oolmaa qabdaa nurraa
Ulfaadhu uummaa koo hanga bara baraa