Category Archives: Faarfannaa

Dhiphachuun kee gooftaa garaa koo na nyaataa

Dhiphachuun kee gooftaa koo garaa na nyaataa
Oolmaan kee qaraaniyoo kan guyyaa jimmaata
Ati unuuf jette fannoo jiidhaa baattee
Iddoowwan shan si waraanannii mukaatti fannifamtee

Kabbalaaf dhiitichaan fannoo irratti olbaatee
Cubbuu keenyaaf jecha cubbaamas kan taatee
Ba’aa keenya baatee isaa nutti baanuu
Galatoomii gooftaa waan siin jennuun qabnu

Tuffatama taatee ati mootiin hunda
Oolmaa nurraa qabda gocha isa guddaa
Kan akkas namaaf ooluu eenyuree akki kee
Kan nuuf oolun jiruu gooftakoo akka kee

Jaalalaa kee dhugaa fannoodhan muldhiftee
Du’a lubbuu irraa bilisa na baaftee
Nutii badnee turee baleessaa Hewwaninnii
Bilisa baannera dhiphachuu kee dhaannii

Kan kee hundaa caalaa oolmaafi arjummaan kee
Dabarsittee laate Addaamiif lubbuu kee
Galanni kee hin dhumuu oolmaa qabdaa nurraa
Ulfaadhu uummaa koo hanga bara baraa

Oolmaa kee yaadannaan garaa koo na raasee

Oolmaa kee yaadannaan garaa koo na raasee
Akkan si faarfadhuuf afuura qulqulluun kadhadha baay’isee
Qulqulloonni hunduu maqaa kee ni faarsuu
Ulfinni kee guddaa jechii koo sin ibsuu

Maqaan kee sorataa dammaaf aanan caalaa
Sittu na guddisee yaa haadha jaalalaa
Tasaa hin qanoofnee maariyaam maariyaam jedhee
Nama gad hin taane kennaa keen badhadhee

Yaa haadha waaqayyoo galannii siif haa ta’uu
Qulqulleettidha ati ulfinnii siif haa ta’uu

Uummamaa hundaan duraa yaada abbaan kan turtee
Karaa kee banamee balballi waan turteef
Fooliin kee urga’aa aababboo gannataa
Sanyii kan hin bunee omishaa kibxataa

Dunkanaa midhagduu galannii siif haa ta’uu
Yaa bultoo waaqummaa galannii siif haa ta’uu

Kabajni kee in caalaa kabajaa ergamootaa
Kan isaan koma’aaniif harmaa kee hoosiftetaa
Kan filaaman caalaa ati kan filaatamtee
Durbummaadhaan deesse ilma kan nuuf lattee

Kennaan kan guutamtee nagaan siif haa ta’uu
Ayyaana qabeetti gammachuun siif haa ta’uu

Huccuu warqee uffattee mirgaa ni dhaabataa
Aduu irraa harkaa torbaa midhagdee ni iftaa
Dhalaa hanga dhalaatti nan hima waa’ee kee
Chaappeffamee jira laphee koot maqaan kee

Yaa gugee garraamii galanni siif haa ta’u
Hundaaf kan gaddiitu galannii siif haa ta’u

Naa caalee yaa gooftaa olmaan kee – faarsaa gabbii

Naa caalee yaa gooftaa oolmaan kee
Akkamiin deebisuu gatii kee
Naa moo’ateerra hoo jaalalli kee
Akkam godheetan ibsaa gaarrummaa kee


Duu’a koo naaf duute naa fayyistee
Balleessa yakka koo naaf dhiistee

Naa caalee Jaalalli kee

Bareedina guddaan na uummatee
Bifa mataa keetti fakkeessitee
An garuu dagaadhee abboomii kee
Yoon sitti balleessus nan jibbinee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa arjummaan kee guddaadhaa

Ni madaala anaaf reebbichii
Koo turee yaa uumaa gindillaa faannichii
Ba’aa koo naaf battee jaalalaa agarsiistee
Dhiphinaaf gidiraa narraa dabarsitee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa garrummaan kee guddaadhaa

Guyyaa dhiphoo sanaa hin irraanfadhuu
Qullaa kee dhaabatee an yeroon uffadhuu
Maal jedheen dubbaadhaa waa’ee olmaan kan kee
Umurii koo guutuun labsaa jaalalaa kee

Kan kee ajaa’ibaa raajiidha dinqiidhaa
Maaliin qixxeessaa garrummaan kee guddaadhaa

Akkamittaan ibsaa gaarrummaa kee
Duu’a koo naaf duute naa fayyistee
Balleessa yakka koo naaf dhiistee

Ani waan tokkoo hin qabu duwwaadha jireenyi koo

Ani waan tokkoo hin qabu duwwaadha jireenyi koo
Hir’uu koo guutuudhaaf jirtaaka waaqa koo
Waan hundummaa dursee maqaa kee waamun koo
Ilaali naaf guuttii hir’uu jireenya koo

Essaawuu eebbaa barbaachaaf yoo ariifate iyyuu
Waan barbaade argachuudhaaf yoo dhufee iyyuu
Egaa gooftaa ati hin filee tannaan
Jireenyi hin jiruu waaan fedhee tannaan

Yoo ati namaaf laate ogummaa hundummaa
Eenyuuttuu ittin mormaa hunduu sif bittammaa
Dhiifaman kan guutee danda’aadha ati
Kan akka kee gooftaa eessaa iyyuu hin jiruuti

Innaafaan diina koo anarraa kaastekkaa
Yaada garaa koottin kuno naa geessekkaa
Hundumaa dursee galata kee malee
Maalaan qabaa gooftaa koo an si malee

Walaloofi Yeedaloon
F/ttuu Hiruut Fissaha

Waraabbii sagalee
Met. Digital Studio

Poster Design
Emana Picture

Kiraara
Antenehe T/Maariyaam

Maseenqoo
Haaron Barakat

Ulullee
Yoonaas Asiraat