Tag Archives: raajota

Tsooma Raajotaa

✣ Sooma Raajotaa ✣

✍Sadaasa 15in guyyaa itti Soomni Raajotaa eegaluudha. Soomni raajota yeroo mara sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’uu bara Yohaannis (muddee 28) irraa kan hafee hanga muddee 29ti ykn jala bultii dhalachuu gooftaa keenyaatti kan lagatamuudha. Soomni kun soomiiwwaan gurguddoo 7n mana kiristaanaa keenyaa keessa isa tokkodha.

✍Soomni kunis maqaalee adda addan waamama.

1⃣ Sooma Addaam:- sooma Addaam sababni jedhameef Addaam dogogoree kabaja isaa erga dhabee booda jennata keessa ari’aatamee kaasee baay’ee boo’ee, gaddee lagachaa ture. Waaqayyoos gadda fi boo’icha isaa ilaalee laguu isaa fudhatee abdii fayyinaa dhala dhala keerra dhaladheen dhufee si fayyisaa jedhu kenneef. Addaam lagachuu isaa irraa kan kahee abdii waan itti argateef sooma Addaam jedhamee wamama.

2⃣ Sooma Raajotaa:- kunis immoo Waaqayyo iccitii dhalachuu isaa raajootaf waan ibseef fagooti raajii arganiin Waaqni akka dhalatuu, akka waa’ee keenyaaf jedhee dhiphaatu, fannifamuu, du’u, du’a moo’ee kahuu, gara samiiittis ol bahuufi deebi’ee akka dhufu( Isaay 7:14, 64:6) waan beekaniif abdii kana argachuuf jecha hanga dhalachuu gooftaati lagachaa waan turaniif sooma raajotaa jedhamee.

3⃣ Sooma Filiphoos:- bartuu gooftaa keessa tokko kan ta’e Filiphoos gara Afrikaa deemu barsiisa ture. Ardii kana keessattis warreen hin amanne ajjeefamee reeffii isaa dhoksaame. Haata’u garuu barattoonni isaa reeffaa isaa awwaalachuu waan barbaadaniif sadaasa 15 irra eegalanii sooma Waaqayyom kadhachuu eegalan guyyaa sadii booda reeffa isaa argatanii erga awwaalatiin booda hangaa guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaa keenyaatti itti fufanii waan soomaniif sooma Filiphoos jedhamee.

4⃣ Sooma dukaa bu’ootaas ni jedhama. Kunis immoo dukaa bu’oonni “sooma faasikaa soomne du’aa ka’uumsa gooftaa kabajna, guyyaa dhaloota gooftaa keenyaa immoo maaf akkeetti soomne hin kabajnu? jedhanii akkumaa raajotaatti soomuu waan eegalaniif sooma dukaa bu’ootas ni jedhama.

5⃣ Soomaa Durboo Maariyaamiis ni jedhama. Kunis immoo qulqulluun ergamaa Gabri’eelii Afuura Qulqulluun gara durboo Maariyaamitti ergamuun akka isheen Waaqa deessu yemmuu misiraachoo itti dubbatu, Waaqa samii fi lafaa akkamittin daha? Jechuun gooftaa keenya da’uun dura sooma waan turteef sooma Maariyaamii jedhamee wamama.

Kanaaf nutis akkuma Raajotaa guyyaa dhalachuu gooftaa keenyaa yaadacha abdii keenya kan taasifannee mootummaa Waaqayyo akka dhalluuf fayyinaa fooniifi lubbuu ittin argachuuf kan soomnudha.

🙏Waaqayyo sooma fayyinaa nuuf haa taasisuu!!!

Milkiyaas

Milkiyaas jechuun ‘kan Waaqayyoof ergamu/ergamaa koo’ jechuudha. Qomoo Aseer irraa dhalate. Zakkaariyaas waliin ta’uudhaan uummata tajaajilaa mana qulqullummaaf kakaasu turan. Umurii ga’eesuummaa irraa eegalee raajii dubbachuun ummata barsiiseera. Raajii isaas kan dubbate bara 470 fi 440 Dh.K.D dha. Kunis bara Iziraafi Nahimiyaan itti (Milk. 2:10).
Guyyaan yaadannoo isaas Amajjii 08 dha Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugm isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Zakkaariyaas

Zkkaariyaas jechuun ‘Waaqayyo ni yaadata’ jechuudha. Ilma Barakiyuu kan ta’e Dh.K.D bara 520 kan jiraatedha. Raajicha Haagee waliin mana qulqullummaa ijaarsa isaa akka xumuran kan kakaasedha (Izra. 5:1). Dubbiin raajii isaas waamicha gara Waaqayyoo deebi’aa kan jedhu keessatti argama. Raaja Zakkaariyaas yeroo hedduu waa’ee gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos raajii dubbateera. Kanneen keessaas muraasni. (Zak. 6:12, 9:9, 11:13, 12:10, 13:7)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Haagee

Haagee jechuun “gammachuu koo” jechuudha. Bara 520 Dh.K.D Yihudoota Iyyarusaaleem jiranitti raajii dubbateera. Isaan erga boojiidhaa deebi’anii booda mana qulqullummaa ijaaruuf eegalanii turan. Mormiin warra Saamraawiyaanotaa irraa waan isaan dhaqqabeef garuu addaan kutaniiru. Kunis osoo hin xumuramiin waggaa 16 ta’e. Raajichi Haageenis namoonni mana qulqullummaa akka ijaaran isaan kakaasaa tureera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!