Ulfinni kee guddaa Abbaa hundaa ~ Iyyesuus Kiristoos oolmaa nurra qabda

New Afaan Oromoo Mezmur Lyrics

Ulfinni kee guddaa Abbaa hundaa
Hunduma irratti aangoo qabda
Iyyesuus Kiristoos oolmaa nurra qabda

Hoolaa araaraati Gooftaa Qaraaniyoo
Isa hundaa du’e tokkicha Waaqayyoo
Wangeelaan baranne oolmaakee isa jabaa
Arjummaa kee Gooftaa dhaloota qaqqaba

Kan fannifameedha inni nuti lallabnu
Dhiigan isaan fayyine addunyaan martinuu
Irra diba hin qabu dhugichi ifadha
Kan dhokfamuu miti Gooftaan fayyisaadha

Okkolaa namootaa dhiigan kan fayyiste
Dibata qulqulluun abaarsa hambiste
Qara lapheerratti jaalalaan boojitee
Sagalee keetiini tokkichaan fayyiste

Caba laphee namaa eenyu hin argine
Qoratteetu beekta kan namni hin beekne
Faarsinee xumurru oolmaa kee yaa uumaa
Galataan mul’adhu yaa Gooftaa hundumaa